ÇáÇÍÕÇÑ
AL`IHSAAR { DHOOWWAMUU }
Namni eega
hidhatee diinni makka dhufu`urraa isa dhoowwe
kan karaa biraa hin qabne hajji`irraa hiikkatuu
niyateeti mataa haaddatee re`ee qala bakkuma
itti dhoowwame sanitti yoo waan qalu argate yoo
dhabe gatii re`een sun baaftun midhaan bitee
sadaqata yoo dhabe midhaan sun odoo argamee
kabala meeqa taya je`anii laalaniiti duuba
kabala lamarraa guyyaa tokko soomana .
ÇáÏãÇÁ ÇáæÇÌÈå Ýì ÇáÍÌ
DHIIGA HAJJII
KEESSATTI WAJABU
Dhiiyni hajjii
keessatti namarratti wajjabu shani .
1 –
Dhiiga dalagaa hajji`irraa waa dhiisu`uun
namarratti wajabu akkaatan itti baasan siif
dabree jira .
2 –
Dhiiga mataa haaddatu`uufii waan urgaayaa
godhatu`uun namarratti wajabu akkaatan isa itti
baasanis siif dabarte ,
3 –
Dhiiga hajji`irraa dhoowwamu`uun namarratti
wajabu akkaatan isa itti baasanis siif dabre
4
Dhiiga bineensa
ajjeessu`uun namarratti wajabu inninis siif
dabree jira .
5
Dhiiga
dhala`atti ida`amu`uun namarratti wajabu
akkaatan isa itti baasanis siif dabarte .
Wareega ifiin
wajjiin Makkatti oofan qaluun harama keessatti
malee hin gayu .
Akkasuma waan
nyaachisuun namarratti wajabe masaakiina haramaa
malee nyaachisuun hin gayu .
Ammoo soomana
namarratti wajabe bakka fedhanitti soomanuun ni
gaya .
Namni hajjii
yookaa umraa hidhateefii kuunilleen muka haramaa
ciru`uufii bineensa haramaa ajjeessun haraami
yoo waan namni magarfatuufii muka izkiir
je`aniin taate malee
Namni muka harama
mure ni yakkama yoo muka guddaa taate gaalan yoo
xiqqaa taate re`eedhan yoo mayra taate gatii
isaatin
Bineensa
madiina`aa ajjaasun ni dhowama haa tayuu hin
kafalamu .
Akkasuma muka
madiina`aa muruun hin gayu inninis hin kafalamu
namicha waan san balleessetu salabama malee sun
waan inni ifirraa qabu hunda irraa mulqu`uu
takkaa zarafu`uu .
|